3
Yerusaalem 
 1 Magaalaa cunqursitootaa, 
finciltuu fi xurooftuu sanaaf wayyoo! 
 2 Isheen nama tokkoof iyyuu hin ajajamtu; 
sirreeffama tokko iyyuu hin fudhattu. 
Isheen Waaqayyoon hin amanattu; 
Waaqa isheettis hin dhiʼaattu. 
 3 Qondaaltonni ishee leenca aaduu dha; 
bulchitoonni ishee yeeyyii galgalaa 
kanneen waan tokko illee ganamaaf 
hin bulfannee dha.
hin bulfannee dha.
 4 Raajonni ishee of tuultota; 
isaan namoota hin amanamnee dha. 
Luboonni ishee iddoo qulqulluu 
xureessanii seeras cabsu. 
 5  Waaqayyo inni ishee keessa jiru qajeelaa dha; 
inni dogoggora tokko illee hin hojjetu. 
Inni ganama ganama murtii qajeelaa kenna; 
guyyaa tokko iyyuu waan kana hojjechuu hin dadhabu; 
jalʼoonni garuu qaanii tokko iyyuu hin beekan. 
 6 “Ani saboota nan balleessa; 
daʼannoowwan isaanii diigamaniiru. 
Akka namni tokko iyyuu achiin hin dabarreef 
ani daandiiwwan ishee onseera. 
Magaalaawwan isaanii onanii 
nama malee, duwwaa hafu. 
 7 Ani magaalaa sanaan, 
‘Ati dhugumaan na sodaatta; 
sirreeffamas ni fudhatta!’ nan jedhe. 
Ergasii iddoon jireenya ishee hin badu 
yookaan adabbiin koo hundinuu isheetti hin dhufu. 
Isaan garuu waan hojjetan hunda keessatti 
daba hojjechuutti ciman. 
 8 Kanaafuu guyyaa ani itti dhugaa baʼu eeggadhu” 
jedha Waaqayyo; 
“Ani sabootaa fi 
mootummoota walitti qabee 
dheekkamsa kootii fi 
aarii koo sodaachisaa sana hunda 
isaanitti dhangalaasuuf murteesseera. 
Addunyaan guutuun ibidda 
hinaaffaa kootiin gubattee barbadoofti. 
 9 “Ergasii ani akka hundi isaanii 
maqaa Waaqayyoo waammataniif,
maqaa Waaqayyoo waammataniif,
akka walii galuudhaan isa tajaajilaniifis 
afaan namootaa nan qulqulleessa. 
 10 Warri anaaf sagadan, 
intallan koo kanneen bittinnaaʼan 
lageen Itoophiyaa gamaa kennaa naaf fidu. 
 11 Sababii ani warra of tuulummaa isaaniitti gammadan 
magaalaa kana keessaa baasuuf, 
gaafas yakka ati natti hojjette 
sana hundaaf salphinni sitti hin dhufu. 
Ati lammata gaara koo 
qulqulluu irratti of hin tuultu. 
 12 Ani garuu garraamotaa fi 
gad of qabeeyyii 
kanneen maqaa Waaqayyoo amanatan 
si keessatti nan hambisa. 
 13 Hambaan Israaʼel 
yakka tokko illee hin hojjetan. 
Isaan soba hin dubbatan 
yookaan gowwoomsaan afaan isaanii keessatti hin argamu. 
Isaan nyaatanii boqotu; 
kan isaan sodaachisus hin jiru.” 
 14 Yaa Intala Xiyoon ati faarfadhu; 
yaa Israaʼel sagalee ol fudhadhuu iyyi! 
Yaa Intala Yerusaalem gammadiitii 
garaa kee guutuudhaan ililchi! 
 15  Waaqayyo adaba kee sirraa fuudheera; 
inni diinota kee sirraa deebiseera. 
Waaqayyo Mootiin Israaʼel, si wajjin jira; 
ati lammata balaa tokko illee hin sodaattu. 
 16 Isaan gaafas 
Yerusaalemiin akkana ni jedhu; 
“Yaa Xiyoon hin sodaatin; 
harki kees hin laafin. 
 17  Waaqayyo Waaqni kee 
inni si wajjin jiru jabaa dha. 
Inni baayʼee sitti gammada; 
inni jaalala isaatiin si boqochiisa; 
faarfannaadhaanis sitti gammada.” 
 18 “Ani gadda ati ayyaanota murteeffamaniif gadditu 
sirraa nan fuudha; 
isaan booʼichaa fi salphina sitti taʼu. 
 19 Ani yeroo sanatti 
warra si cunqursan hunda nan adaba; 
ani okkolaa nan baraara; 
warra gatamanis walitti nan qaba. 
Ani biyya isaan itti qaaneffaman hunda keessatti 
maqaa fi ulfina isaaniifin kennaaf. 
 20 Ani yeroo sanatti walittin isin qaba; 
yeroo sanatti ani biyya keessanitti isin nan galcha. 
Ani yeroo utuma isin argitanuu 
boojuu keessan deebisutti 
saba lafaa hunda gidduutti 
ulfinaa fi maqaa isiniifin kenna” 
jedha Waaqayyo.