Faarfannaa Galataa 
 Faarfannaa 135
135:15‑20 kwf – Far 115:4‑11 
 1 Haalleluuyaa. 
Maqaa Waaqayyoo jajadhaa; 
isin garboonni Waaqayyoo isa galateeffadhaa. 
 2 Isin warri mana Waaqayyoo keessa, 
oobdii mana Waaqa keenyaa keessa tajaajiltan, isa galateeffadhaa. 
 3  Waaqayyo gaariidhaatii, Waaqayyoon galateeffadhaa; 
inni arjaadhaatii maqaa isaatiif faarfadhaa. 
 4  Waaqayyo Yaaqoobin ofii isaatiif, 
Israaʼelin immoo dhaala dhuunfaa isaa godhee filateeraatii. 
 5 Ani akka Waaqayyo guddaa taʼe, 
akka Gooftaan keenya waaqota hunda caalaa guddaa taʼe beeka. 
 6  Waaqayyo samiiwwan keessattii fi lafa irratti, 
galaanotaa fi tuujuba isaanii hunda keessatti, 
waan isa gammachiisu kam iyyuu ni hojjeta. 
 7 Inni akka duumessoonni daarii lafaatii kaʼan ni godha; 
bokkaa wajjin balaqqee erga; 
gombisaa isaa keessaas bubbee gad baasa. 
 8 Inni hangafoota Gibxi, 
kan namaatii fi kan horii ni dhaʼe. 
 9 Yaa Gibxi, inni gidduu keetti, 
Faraʼoonii fi tajaajiltoota isaa hundatti mallattoo fi dinqii isaa ergeera. 
 10 Inni saboota baayʼee dhaʼee 
mootota jajjaboo ajjeese; 
 11 Sihoon mootii warra Amoorotaa, 
Oogi mootii Baashaanii fi mootota Kanaʼaan hunda ni ajjeese; 
 12 lafa isaanii dhaala godhee 
akka dhaala isaanii taʼuufis saba isaa Israaʼeliif kenne. 
 13 Yaa Waaqayyo, maqaan kee bara baraan jiraata; 
yaa Waaqayyo, ati dhaloota hunda keessatti ni yaadatamta. 
 14  Waaqayyo saba isaatiif ni falma; 
tajaajiltoota isaatiifis garaa laafa. 
 15 Waaqonni tolfamoon namoota ormaa meetii fi 
warqee harka namaatiin hojjetamanii dha. 
 16 Isaan afaan qabu; garuu dubbachuu hin dandaʼan; 
ijas qabu; garuu arguu hin dandaʼan; 
 17 gurra qabu; garuu dhagaʼuu hin dandaʼan; 
yookaan hafuurri tokko iyyuu afaan isaanii keessa hin jiru. 
 18 Warri isaan tolchan kanneen isaan amanatan hundi 
akkuma isaanii taʼu. 
 19 Yaa mana Israaʼel Waaqayyoon eebbisaa; 
yaa mana Aroon Waaqayyoon eebbisaa; 
 20 yaa mana Lewwii Waaqayyoon eebbisaa; 
isin warri isa sodaattanis, Waaqayyoon eebbisaa. 
 21  Waaqayyo inni Yerusaalem keessa jiraatu sun, 
Xiyoon irraa haa eebbifamu. 
Haalleluuyaa!