Nama Akkamiitu Mana Waaqaa Keessa Jiraachuu Dandaʼa? 
 Faarfannaa 15
Faarfannaa Daawit. 
 1 Yaa Waaqayyo, eenyutu dunkaana kee keessa jiraata? 
Eenyutu tulluu kee qulqulluu sana irra jiraachuu dandaʼa? 
 2 Nama adeemsi isaa mudaa hin qabnee fi 
nama waan qajeelaa hojjetu, 
nama garaa isaatii dhugaa dubbatuu fi 
 3 kan arraba isaatiin nama hin hamanne, 
nama ollaa isaatti waan hamaa hin hojjennee fi 
nama ollaa isaa maqaa hin balleessine, 
 4 kan nama hamaa tuffatee warra Waaqayyoon sodaatan garuu kabaju, 
yoo waan isa miidhu taʼe illee nama kakuu isaa eegu, 
 5 nama maallaqa isaa hiiqiidhaan hin liqeessinee fi 
kan nama yakka hin qabne miidhuuf jedhee mattaʼaa hin fudhannee dha. 
Namni wantoota kanneen hojjetu, 
gonkumaa hin raafamu.